Jappaan keessatti roobootiiwwan hojii daldalaa eegaluuf

Roobootiin kun waan nama barbaadu hundaan nama tajaajilaa jirti.

OBN Ful. 26, 2012- Addunyaarrratti guddinni teeknooloojii akkaan dabalaa jira. Keessattuu meeshaalee nam-tolcheen Artiifishaal Inteliijensiin (AI) akka beekumsa dhala namaan walfakkaatu qabaatanii waan dhalli namaa hojjetu akka hojjetan gochuun amma yeroo kamuu caalaa dabalaara.

Yeroo ammaa kanatti roobootiiwwan hojii dhalli namaa hojjetu sirnaan hojjetan arguun baratameera.

Magaalaa guddoo Jappaan Tookyoo keessatti kan argamu giddu gala gabaa tokko keessatti roobootiin tokko suuqii keessa dhaabbattee hojiishee haalaan hojjechaa jirti

Roobootiin kun waan nama barbaadu hundaan nama tajaajilaa jirti.

Dhugaatii namaaf hirti, lafaa kaastee bakka isaaf qophaa’erra ni keessi.

Kophaamashee namaaf tajaajila kenniti, namoonni seenanii tajaajila argatanii ba’u, akkuma namaatti sosochootee si’aayinaan hojjetti.

Roobootiin kun wayita hojii hojjettu waanuma akka namaa sammuudhaan yaaddu fakkaatti, garuu miti. Roobootiin sammuu uumamaa hin qabdu waan ta’eef.

Namatu fageenya kiilomeetira fagoorraa ishee to’ata, kanaan sochooti.

Namni roobootii kana to’atu meeshaa roobotittii itti dhiyeessee mul’isuu fi danaashee hundayyuu fidee fuuldurasaa kaa’u ‘virtual reality’ fayyadamuunidha.

Roobootiin ‘Model-T’ jedhamtu kun kan kubbaaniyyaa Jappaan ‘Telexistance’ jedhamuuti.

Dizaayiniin roobootii kanaas, akkaataa namoonni qaamaan bakka biraa osoo jiranii bakka fedhanitti hojii humna namaa barbaadu kamiyyuu hojjechuu akka danda’anitti kan hojjetameedha.

Daarekatarri Boordii Kubbaaniyyaa kanaa Yuuchiroo Hikosaakaa, ”roobootittiin fakkeenya namaatiin kan hojjetamteedha” jedhan.

”Bakka jirtan teessanii roobootii kana fayyadamuun iddoo feetan deemuu dandeessu” jedhan daarektarichi.

Hojiin teeknooloojii kun roobootii bilbilaan hojjetu yookiin ‘telerobotics’ jedhama.

Roobootiiwwan fageenyarraa dhala namaan to’atamuun boombii darbachuuf fayyadan yeroo dheeraaf kan turan ta’us, wayita weerara koronaavaayirasii kanammoo roobootiiwwan nyaata mana namaatti namaaf geessan akkaasumas kanneen teeleedhaan hojjetan dhiyeenya kana haala kanneen duraarraa adda ta’een hojjetamaa jiru.

”Biyya uummannishee heddumminaan jaaraa jiran kan Jappaan kana keessatti hanqinni humna namaa mudataa jira. Keessattuu hojiiwwan galii xiqqoo argamsiisan keessatti rakkoon kun baayye mul’ata” jechuun rakkoo mudataa jiruuf kun furmaata akka ta’u dubbatan daarektarichi.

Hojiiwwan qaamaan argamanii hojjechuun barbaachisan keessatti roobootiiwwan kunneen kumaatamaan ramaduun haga tokko rakkoo kana furuun ni danda’ama jedhan.

Dhaabbileenis hojjettoota fageenyarraa roobootiiwwan kunneen to’atan heddumminaan qacaruun hojjechiisuu danda’u jedhan.

Namni tokko amma magaalaa Tookyootti hojjetee daqiiqaa 10 boodammoo magaalaa Okaayidoo keessaa hojjechuu danda’a, osoo geejjibaan imaluu hin barbaachisne bakka garaagaraatti hojjechuun ni danda’ama” jedhan.

Namoonni roobootii kana hojjechiisan jalqaba oonlaayinii iddoo gabaan itti gaggeeffamu interneetii saaqanii seenu, isa booda waan gurguruu fi bituu barbaadan karaa ‘virtual reality’ roobootii ajajuun akka socho’anii hojjetan godhu.

“Yaadi kun keessumaa haala amma keessa jirruuf abdii kan uumuudha. Sababni isaas namoonni walitti dhufeenyaa fi wal-tuttuqqaa yoo hir’isan yaaddoo koronaavaayirasiis akkasuma hir’isa waan ta’eef.” jedhu daarektarri kun.

Teeknooloojiin kun rakkoo furamuu qabu kan mataasaa qabaachuus hin haalle.

Roobootiin kun saffisa akka namaa qabaachuu dhabuu akkasumas meeshaan ittiin roobootiiwwan to’atan yeroo dheeraa booda miira namaa kan gadi buusuu fi kan nama raatessu ta’uu himaniiru.

Kanaafis waahillan isaanii waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu himaniiru.Maddi:-BBC

Facebook Comments