Sagantaan Ekisteenshinii fayyaa sadarkaa yaalitiin bara 1994 eegalamee

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hojjettoota Ekisteenshinii fayyaa Itiyoophiyaa fi Ekwaadoorif beekamtii kennuuf yaada dhiyaate raggaasise.

Fayyaa

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hojjettoota Ekisteenshinii fayyaa Itiyoophiyaa fi Ekwaadoorif beekamtii kennuuf yaada dhiyaate raggaasise.

Image may contain: 4 people, people standing and outdoor
Fayyaa

Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Amiir Amaan yaadni dhiyaate boordii hoji raawwachiistuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatin ragga’uu isaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanitiin barreessaniiru.

Yaadichi boordichaan Amajjii 15,2011 beekamtii argatee kan ture yammuu ta’u, har’ammoo yaa’ii waliigalaasaatin sagalee guutudhaan raggaasiseera.

Sagantaan Ekisteenshinii fayyaa sadarkaa yaalitiin bara 1994 ega eegalamee kaasee dhibeewwan qulqullina naannoo fi dhuunfaarraa dhufuu malu hir’isuun danda’ameera.

 

 

Facebook Comments