Karoorri nagaa kabachisaa Daarfurii baasu dheerate

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii humna nagaa kabachisaa Sudaanitti bobba'e akka turuuf murteesera.

OBN Wax. 21, 2011 -Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii karoora humna nagaa kabachisaa Daarfurii baasu dheerese.

Image may contain: one or more people and outdoor

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbatichaa humna nagaa kabachisaa Sudaanitti bobba’e akka turuuf murteesera.

Naannicha humni nagaa kabachisaa kuma shanii fi 600 kan jiru yoo ta’u, hanga ji’a faranjootaa Onkololeessa 31, bara 2019 ti kan turu ta’a jedhameera.

Akka gabaasa Aljeezirratti yoo ta’e lakkoofsa nagaa kabachiistotaa kuma afurii fi 50 hir’isuuf walii galameera.

 

Facebook Comments