Gareen lamaan waliigaltee aangoo waliin qooddachuu mallatteessufi

Manni Maree ce'umsa Sudaanii fi gareen mormitoota waliigaltee aangoo waliin qooddachuu mallatteessufi.

OBN Ado. 05, 2011 – Dipiloomaatin Gamtaa Afrikaa humnoonni lamaanuu waliigaltee aangoo biyyaatti waliin qooddachuu isaan dandeessisu boru akka mallatteessan beeksise.

No photo description available.

Manni Maree ce’umsa Mootummaa Sudaan yaaliin fonqolcha mootummaa fashalaa’uu akkuma beeksiseen, Dipiloomaatin Gamtaa Afrikaa Mahaamut Alii Hasaan Laabat humnoonni lamaan waliigaltee kana akka mallatteessan beeksiseera.

Akka waliigaltee kanaatti yoo ta’e, Manni Maree Waliin hundaa’un humnoonni lamaan biyyattii waggoota sadan itti aananiif kan waliin bulchan ta’a.

Waliigalteen kun rakkoo nageenyaa Sudaan muudateef furmaata ta’uu danda’a jedhameera jechuun CGTN gabaasera.

Facebook Comments