Aadde Hiiruut Zammanee Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Briitaaniyaa Juuliyaan Reeyliin waliin mari’atan

Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiiruut Zammanee Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Briitaaniyaa Juuliyaan Reeyliin waajjira isaaniitti simachuun mariisisan.

OBN Hag. 02, 2011 – Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaaf ga’ee olaanaa taphachaa akka jirtu ibsaniiru.

Image may contain: 3 people, people sitting and indoor

Itiyoophiyaan rakkoon nageenyaa naannichatti mudatu kamuu mariin akka hiikamu hojjechaa jiraachuu eeruun, hoji hojjetameef galateeffataniiru.

Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa waliin ta’uun imaammata hariiroo alaa dhimma biyyoota biroo keessa hin galleen hojii boonsaa hojjechaa jiraachuurrattis mari’ataniiru.

Facebook Comments