Keeniyaa Boba’aa

Keeniyaan Sirna Boba'aa Gabaa Alaaf Erguu Buufta Mombaasaatti eegalsiifte.

Keeniyaan boba’aa gara biyya alaatti erguu eegaluu ishii beeksigte.

Pirezedaantiin Keeniyaa Uhuru Keeniyaataa  geejiba boba’aa biyyi isaanii gara alaatti Taasiftu kana guyyaa har’aa Buufata Mombaasaatti Argamuun eegalsiisaniiru.

Biyyittiin boba’aa barmeela kuma 200  erguun akka gabaa addunyaatti dabalamtu himameera.

Boba’aa naannoo Turkaanaatti bahu kun ‘’Tullow oil ‘’ Kaampaanii jedhamuun kan bahu yoo ta’u gara Maaleezyiyaa akka ergamus beekameera.

Biyyiittiin Boqonnaa jalqabaatiin kaampaanii Chaayinaa’’ Chemchina’’ jedhamuutti boba’aa doolaara miliyoona 12’n gurguruu ishii ‘’Capita news’’ gabaaseera.

Facebook Comments