Maalii Haleellaa ISIS

Humni waraana Firaansi dursaa garee ISIS Maalii keessa jiru akka ajjesan beeksise.

Humni waraana Firaansi dursaa garee ISIS Maalii keessa jiru akka ajjesan beeksise.
Humni waraanaa kun guyyota darban keessatti Maalii kutaa Kaaba Bahaa Meenaakaa jedhamutti haleellaa gaggeesseen hidhattoota garee IsIs 50 ol barbadeesuus beeksiseera.


Ministiirri ittisa biyyaa Firaansi Filaarensi Parleyi karaa Fuula tiwiiterii isaanii akka beeksisanitti hogganaan garee IsIs Maalii keessatti Argamuu “Ali Maychou”torban darebe kana keessa ajjefameera.
Tarkaanfiin kun human waraana Maaliifi Ameerikaa waliin ta’uun akka fudhatames himameera.

Namni kun human garee ISIS amanamoo qacaruufii haleelliiwwan balleessanii baduu gurguddoo qindeessuudhaan kan beekamu akka ta’es himameera.

Tarkaanfii fudhatameen bu’aan argame kun hojii garee shororkeessaa kana balleessuuf Maaliifi Afriikaa keessatti hojjetamu milkeessuu keessatti gahee guddaa qaba jechuunn Anadolu Agency gabaase.

Facebook Comments