Manni maree ministeerotaa IGAD 47ffaa fi Yaa’iin idilee 13ffaa biyyoota Miseensota IGAD Finfinneetti jalqabame.

OBN Sad. 19, 2012 – Yaa’iin Mana maree ministeerotaa kan  biyyoota Miseensa IGAD Finfinneetti taa’amuu eegale.

Manni maree ministeerotaa IGAD 47ffaa fi Yaa’iin idilee 13ffaa biyyoota Miseensota IGAD Finfinnee Hoteela Iskaay Laaytitti taa’amaa jira.

Yaa’iicha irratti bakka bu’aan dhaabbata biyyoota Gamtoomanii UN, Gamtaa Awurooppaa EU, Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa AU fi bakka bu’aan Chaayinaa argamaniiru.

Yaa’iichii caasaa IGAD gamaggamuun Dura taa’aa IGAD akka filatus ibsameera.

Yaa’iicha irratti Dura Taa’aan IGAD Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad fi Ministeeronni isaanii  Barreessaa Olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo dabalatee argamanii jiru.

Barreessaa Olaanaan IGAD duraanii Ambaasaaddar Muhabub waggaa 11 fi ji’a 5’f waan tajaajilaniif, Dura Taa’aan IGAD Dr.Abiyyi Ahimad badhaasaniiru.

Ambaasaaddar Muhaabubis Alaabaa IGAD bakka bu’aa isaanii Dr.Warqinaa Gabayyootti kennan.
Balaay Tasammaa tu gabaase.

Facebook Comments