Zimbaabiwee beela

OBN Sad,2012-Zimbaabiweetti lammiileen miliyoona 4.1 ta’an deeggarsa midhaanj nyaataa argachuuf akka ta’e himame.

Zimbaabiweetti lammiileen miliyoona 4.1 ta’an deeggarsa midhaanj nyaataa argachuuf akka ta’e himame.


Deeggarsi kun beela biyyittii muudate sababeeffachuun Sagantaan Nyaata Addunyaa kan dhiyeessu jedhameera.
Akka gabaasni yeroo dhiyoo agarsiisutti walakkaan lammiilee biyyittii hanqina midhaan nyaataaf saaxilameera.

Kanneen keessaa miliyoonni 7.7 beela hamaa keessa jiru jedhameera.
Kanaaf sagantaan nyaata addunyaa midhaan meetiriik toonii kuma 200fi kuma 40 dhiyeessuuf akka ta’e himee jira.
Roobni biyyittitti wayitii oomishaa ture xiqqaachuun beela kana akka hammeesse dhaabbatichi himee jira.

BBC gabaase.

Facebook Comments