Keeniyaan qalma harree dhorkite

qalma harree

Keeniyaan qalma harree dhorkite

Ministeerri Qonnaa Keeniyaa harree qaluun dhorkaa akka ta’eefi manneen qalii harree biyyattii keessa jiran hunduu akka cufamuu qaban beeksise.

Tarkaanfiin ministeerri qonnaa Keeniyaa fudhate kun fedhii gabaa foon harree Chaayinaaf dhiyeessuu baayyee dabalaa dhufe guutuuf jecha horiin isaanii jalaa hatamaa jiraachuu qonnaan bultoonni hedduun dubbachuu isaaniin boodadha.

Ministirri qonnaa biyyattii Piiter Muunyaa manneen qalii harree afur akka gara horii biroo kanneen akka sangaafi re’ootaa qaluutti ce’aniif yeroo ce’umsaa baatii tokko kenneeraaf.

Akka ministeerichi jedhanitti abbootii qabeenyaa mana foonii warri ajaja kana hin fudhanne manneen isaanii akka jalaa cufamuuf jirullee akeekkachiifamaniiru.

Wixata gareen qonnaan bultootaa waajira ministeera qonnaa Keeniyaa fuula duratti hiriira ba’uudhaan erga mormii isaanii dhageesifatanii ture ministircha kan kana beeksisan.

Qonnaan bultoonni hiriira bahan kunneen akka jedhanitti sababii gabaan foon harree Chaayinaarraa dhufuun akka harroonni isaanii hedduun hatamaniif sababa ta’eera.

Baadiyaa Keeniyaatti, harroonni/baattuun jiruu hawaasa baadiyyaatiif hedduu barbaachisoodha. Hawaasni baadiyaa Keeniyaa bishaaniifi qoraan, akkasumallee dhimmoota birootiif fe’achuufi deddiibisuuf geejjibni guddaan qaban harreedha.

Biyyattii keessatti hawaasa biratti foon harree nyaachun garuu akka waan fokkuu ta’eetti ilaalama.

Akka Neetiwoorkiin Dhimma Nageenya Beeyladootaa Afrikaa jedhutti erga namni foon harree akka nyaachuu danda’u seera-qabeessa ta’een booda gatiin harree tokkoo Keeniyaa keessatti harka afurii ol dabaleera.

Dabaluun gatii harree kun kan fardootaa bara 2012 irraa kaasee dabale waliin dubbii hammeesseeraa jira.

Dhaabbati Biruuk Afrikaa Bahaa jedhamuufi garee nageenya harrootaaf falmu tokko tilmaamutti guyyaa guyyaatti biyyattii keessatti yoo xiqqaate haroonni kuma tokko ta’an ni qalamu. Kun ammoo kan ta’uu danda’eef, fedhiin gabaa foon harree Chiiynarraa dhufu daran dabaluu isaarraa kan ka’een.

Waggoota muraasa dura manneen foonii harree qalan abbootii qabeenyaa Chaayinaatiin Itoophiyaa keessatti Bishooftuufi Asallaatti banaman tarkaanfii mootummaan fudhateen akka cufaman gaazexaan ‘Fortune’ gabaasee ture.

Akka gabaasa gaazexaa kanaatti manni foonii guyyaatti haroota 200 ol qalaa ture Bishooftuu mormii hawaasni gocha fokkuufi aadaa keenyaan waliif hin galle jechuun irratti ka’een ture kan cufame.

Akka gabaasaaleen maddeen gara garaa agarsiisanitti foon harree biyya Veetinaamitti baayyee kan barbaadamu yoo ta’u gogaan harree ammoo qorichaa Chaayinaatti hedduu barbaadama.BBCtu gabaase

Facebook Comments