Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan nagayaan xumuramuu Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Yaa'iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaan nagayaan xumuramuu Koomiishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee caasaa nagayaa cinaa dhaabbachuu isaanitiif koomiishinichi galateeffateera.

Magaalattiin Amajjii 6 eegaltee amma Gurraandhala 2,2012tti walga’iiwwan Gamtaa Afrikaa adda ddaa keessummeessaa turuu ibseera.

Yaa’iin dureewwaniis ta’e waltajjiiwwan biroon nagayaan akka xumuraman aadaan gaarii keessummaa simachuu fi gaggeessuu ummataa adda ta’uus eerera.

Akka gabaasa FBC tti Keessummoota dabarsuuuf daandin yoo cufamu, obsii fi naamusni ummataa dansaa akka tures ibseera koomiishinichi.

Caasaan nageenyaa hojii boonsaa hojjeteefis galateeffateera Komishiniin Polisii Magaalaa Finfinne.

Facebook Comments