Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 33ffaa Finfinnee Galma Gamtaa Afriikaatti taa’amuu eegale.

Yaa'iin Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 33ffaa Finfinnee Galma Gamtaa Afriikaatti taa'amuu eegale.

 

 

OBN Gur.01,2012- Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 33ffaa Finfinnee Galma Gamtaa Afriikaatti taa’amuu eegale.

Yaa’icha Dura taa’aa Gamtaa Afriikaa Abdel Fattah el -Sisiitu eegalchiisan.
Yaa’chi dhiyeenya kana du’aan addunyaa kanarraa kan boqotan Pirezedaantii Keeniyaa duraanii Daani’el Araap Moyiif yaadannoo sammuu taasisuun eegalame.

Faaruun Gamtaa Afriikaas sirna baniinsa Yaa’ii kanaarratti dhiyaateera

Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afriikaa kun mata duree “walitti bu’iinsa fi waraana dhaabuun misooma Afrikaaf haala mijataa uumuu” jedhamuuni kan taa’amaa jiru.

Yaa’ii kanarratti Pirezedaantonni biyyoota Afriikaa 31,Ministironni Muummee biyyoota 4 qondaaltonni biyyoota gara garaa qooda hirmaachaa jiru.

Barreesaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez dabalatee qondaaltonni dhaabbilee Idil Adunyaa gara garaas qooda fudhachaa jiru.

Facebook Comments