Addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin (COVID-19) qabamaniin sa’aatii ammaa kanatti 307,341 qaqqabuun ibsame

Erga baatii lamaan dura mudachuun vaayirasii kanaa biyya Chaayinaa keessatti dhagahamee kaasee guyyaa guyyaan tatamsa’inni isaa dabalaluun ammaan tana addunyaa mara qaqabeera.

Haaluma kanaanis lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii addunyaa guutuutti 307, 341 yoo ta’u, namoonni kuma 13, 049 ammoo lubusaanii dhabuun barameera.

Gama biraatiin ammoo namoonni kuma 92,383 ta’an dhukkubicharraa bayyanataniiru.

Wayita ammaa kanattis biyyi Chaayinaa kan vaayirasichi irraa ka’uun himame, tatamsa’ina vaayirasichaa to’ataa jiraachuutu himama.

Biyyoonni Awurooppaa kan akka Xaaliyaanii faa ammoo Chaayinaa caalaa midhamaa jiru jechuun BBCn gabaaseera.

Facebook Comments