Ertiraatti namni koronaavaayirasiin qabame tokko argamu biyyattiin beeksiifte

Ertiraatti namni koronaavaayirasiin qabame kan jalqamaa mirkanaa’uu mootummaan biyyattii beeksiise.

Ministeerri Fayyaa Eritiraa namni koronaavaayirasiin qabame kan jalqabaa kaleessa mirkanaa’u beeksiise.

Ministeera Fayyaa biyyattii caqasuun Itti-gaafatamaan Ministeera Odeeffannoo Eritiraa Obbo Yamaanee Gabramasqal akka himaniiti, namni koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa’e kunis kaleessa ganama biyya Noroweey irraa ka’uun karaa Dubaay buufata xiyyaara Idil-addunyaa Asmaraa gale jedheera.

Namni gaheessa waggaa 39 ta’unsaa himame kunis dhalataa Eritiraafi biyya Noroweey keessa jiraachuuf kan hayyama jireenyaa dhaabbataa qabu ta’usaas ittigaafatamaan kun dabalanii himaniiru jechuun BBcn gabaaseera.

Facebook Comments