Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad miseensoota dureewwan yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi dureewwan biyyoota gara gara waliin marii teelee konfiransii godhaniiru.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad miseensoota dureewwan yaa'ii Gamtaa Afrikaa

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad miseensoota dureewwan yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi dureewwan biyyoota gara gara waliin marii teelee konfiransii godhaniiru.

Dameen dhunfaa gaaga’ama ‘Covid -19’ haala dandamachuu danda’an iratti gahee qaban ilaalchisee miseensoota dureewwan yaa’ii Gamtaa Afrikaa fi dureewwan namootaa daldalaa irratti bobba’an biyyoota 20 ol tahan waliin marii bu’aa qabeessa gochuusaanii Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Baankiin Misooma Afrikaa,Baankii Baasii fi Galii Daldala Afrikaa fi dhimmamtoo biroo waliin fandii Koviidii Afrikaaf fi akkasumas Wiirtuu To’annoo fi Ittisa Afrikaatiif deeggarsa gochuuf kutannoon qaban kan addaa tahuu Ministirri Muummee ibsaniiru.

Akka ardii Afrikaatti Wiirtuu To’annoo fi Ittisa Afrikaa cimsuu fi akkasumas dandeettii vayirasicha qorachuu cimsuun baayyee barbaachisaa tahuu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fuula feesbuukii isaaniratti bareessaniiru.

Facebook Comments