Weerara vaayirasi Koroonaa ittisuuf biyyoonni dhiigaa gaha walitti qabu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

OBN Wax. 08, 2012-Weerara vaayirasi koroonaa ittisuuf biyyoonnj dhiigaa gaha walitti qabu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Rakkoo kan furuuf namoota dhiigaa arjooman jajjabeessuun barbaachisa ta’uus ibsee dhaabbatichi.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayirikteera Biyyoota Afriikaa kan ta’aan Dr.Mashidiiso Moo’eti erga weerarri vaayirasii koroonaa addunyaa keessatti mul’ate kaasee hir’ina dhiigaa mudachaa jiru hiikuuuf namoonni dhiiga akka arjoomaniif hojii hubannoo uumuu hojjetamuu qaba jedhan.

Namoota vaayiraasii koroonaa irraa dandamatan dabalate dhiiga walitti qabun ni danda’ama jedhan.

Biyya Moorosheesii keessatti namoonnii 150 vaayiraasii koroonaa irraa fayyaan dhiiga arjoomuuf hayyamamaau ta’uu isaaniis Dr. Moo’eti himaniru jechuun Zhinuwaatu gabaase.

Facebook Comments