Yuugaandaan sababii Koronaatiin galii turiizimii irraa argattu Dolaara Ameerikaa Biliyoona 1.6 ni dhabdi-Yuweerii Museeveenii

OBN Caamsaa 26, 2012- Yuugaandaan sababii Koronaatiin galii turiizimii irraa argattu Dolaara Ameerikaa Biliyoona 1.6 akka dhabuu dandeessu Pireezdaantiin biyyittii Yuweerii Museeveenii himan.

Turiizimiin lafee dugdaa dinagdee biyyittiiti kan jedhan pireezdaantichi, Afriika Bahaatti bakka leenconni, Sattawwaan fi Gafarsi heddumminaan keessatti argamuufi turistoota hedduu hawwatudha jedhan.

Kana malees Kibba Dhiha biyyittiitti gaarreen jiraniifi bineensonni achi keessa jiraatanis daangaa Riippaabiliika Dimookiraatawaa Koongoofi Ruwaandaatiin daawwattoota baay’ee biratti jaallatamoo turan.

Dhiibbaa COVID_19 diinagdee biyyaarratti qabu ilaalchisuun haasawa guyyaa kaleessaa taasisaniin Pireezdaanti Museeveeniin, biyyi isaanii Doolaara Biliyoona 1.6 turiizimii irraa argachuu qabdu waggaa waggaan dhabuu dandeessi jedhan.

Bara 2017tti biyyittiin galii seektera Turiizimii irraa Doolaara Biliyoona lama(2) argachuu ishii kan gabaase Rooyitersi. IMF gama isaatiin galiin biyyittiin Turiizimii irraa argattu harka 52(%) akka hir’itu raaguu beeksiseera.

Facebook Comments