Lolaan Sudaan naannoowwan Arkii’oloojiif sodaa ta’eera

Sudaanitti Kaartuum irraa gara kaabaatti kan argamu naannoon Arkii’oloojii balaan lolaa muudachuu danda’a jechuun sodaatama jira

Lolaan Sudaan naannoowwan Arkii’oloojiif sodaa ta’eera.

Sudaanitti Kaartuum irraa gara kaabaatti kan argamu naannoon Arkii’oloojii balaan lolaa muudachuu danda’a jechuun sodaatama jira.

Qorattoonni Arkii’oloojii Sudaanitti argaman akka jedhanitti piraamidoonni bara qaroominaa Meeroo keessaa ijaaraman siidaa adduunyaa Al- Baajawuriyaatti galmaa’ani turan kanan dura balaa lolaan miidhaan irraa hin qaqqabne jedhaniiru.

Bishaanicha gadinaquufi iddoo sana Cirrachaan ijaaruuf hojjatamaa jiraachunis ibsameera.

Guyyaa kaleessaa kutaa Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Haamdook kaabaa Kaartuum kan qarqara lagaatti argamuu tokkootti lolaan seenuunis himameera.

Haa ta’uu malee, ministirri muummee fi maatiin isaani mana akka hin ba’inis ibsameera.

Sudaanitti torbee dhiyoo as roobni cimaan roobuun kan yaadatamuudha.

Mootummaan biyyaatti labsii yeroo muddamaa kan labsee yoo ta’uu lammiileen 100 ta’an lubbuu isaanii dhabuu BBCn gabaasera.

Image may contain: one or more people, people sitting, outdoor and water
Facebook Comments