Baankiin Daldala Itiyoophiyaa dameesaa Jibuutti banate.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa dameesaa Jibuutti banate.

 

 

 

 

OBN Amajji 04,2012-Piresidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Omar Giilee, Baankiin daldala Itiyoophiyaa damee Jibuutii Kaleessa eebbisanii banan.

Sirna Eebbaa kanarratti Piresidaantii Jibuutii Ismaa’eel Omar Giilee, Pireezidaantiin Baankiichaa, Obbo Baacaa Giinaa, Ambaasasdar Abdulaziiz Mahaammadii dabalatee Hoggantoonni Baankichaa biroon argamaniiru.

Pirezedaantiin Jibuutii Ismaa’eel Omar Giilee sirna eebbaa kanarratti Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa dameesaa Jibutiitti banachuunsaahariiroo biyyoota lamaanii cimsuu keessatti qooda jabaa qabaa jedhan.

Lammiilee Itiyoophiyaa Jibuutiitti hojiilee Investimantiirratti hirmaatanii jiran tajaajila baankii guutuu ta’e akka argataniifis gargaaraa jedhan.

Pirezedaantiin Baankii Daldala Itiyoophiyaa,Obbo Baacaa Giinaas Dameen Kun Jibuutitti banamuunsaa hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaa jedhan.

Al ergii fi alaa galchii biyyattii si’eessuufis qooda jabaa qabaataa jedhaniiru.

Facebook Comments