Ministirri Muummee Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan waliin mari'atan.

Qondaaltoonni mirga lammiilee

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan waliin mari'atan.

 

OBN Amajjii 03, 2012 – Ministirri Muummee Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan waliin mari’atan.

Qondaaltoonni biyyoota lameenii dhimmoota mirga lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan mootummaan Afrikaa Kibbaa akka eeguuf waliigalaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan heeyyama akka argataniif Pireezidaantii Siraali Raamaafoosaan koree ministira dhimma alaa isaanii waliin akka gurmeessuun xiyyeeffannoon hojjetan waliigaluusaanii Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abdiyyi Ahimad dubbatniiru.

Haaloo fi ilaalchaa badaa qabannee biyyatitti badhaadhinaa fiduun hin danda’amu. Kanaafu wanta gaarii yaada fi hojjechuu qofan biyya badhaadhinaa qabdu uumun kan danda’amuu jedhan Dr. Abiyyi Ahimad.

Seenaa badaa kaleessaa dhisuun, wanta gaarii darbeerra barachaa biyya ijaarun kan danda’amu jedhan.

Bilisummaa Afrikaa Kibbaa qooda guddaa kan qaban Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa duranii Nelsaan Mandeellaan haloo dhisuun wanta gaarii darbee babbaldhisuun biyya badhaadhinaa qabdu dhaloota har’af dabarsuu kan danda’an jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad.

Daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Afrikaa Kibbaatti jiraaniin guyyaa har’a lammiilee Itiyoophiyaan walarganiiru.

 

Facebook Comments