Yeroon kun Sudaaniif kan cehumsaa waan ta’eef tokkummaadhaan bira ni dhaabbanna-Dr. Abiyyi

OBN Wax. 18,2012- Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdookiin akkasumas kanneen walgahii michummaa Sudaanirratti hirmaatan hunda deeggarsa siyaasaa fi maallaqaa Sudaaniif barbaachisu qindeessuuf waltajjii intarneetii baay’ee barbaachisaa ta’e qopheessuusaaniitiif nan galateeffadha jedhan Ministirri Muummee Dr. ABiyyi Ahmad.

Yeroon kun Sudaaniif kan cehumsaa waan ta’eef tokkummaadhaan bira ni dhaabbanna jedhan.

Biyyi guddoon kuniifi uummannishii humnasaanii guutuudhaan gara daandii guddinaatti yoo imalan michoonni misoomaa akka isaan deeggaran waamicha dhiyeessina jedhan Dr. Abiyyi.

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereeziin deeggarsa isaaniif nan galateeffadha jedhaniru.

Biyyoonni miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii deeggarsa isaanii Sudaaniif akka godhan Guutereez akka kakaasanan jajjabeessas jedhaniru..

Facebook Comments