Dr Abiyyi Ahimad lammiilee gara biyyaatti deebisan

Lammiilee Itiyoophiyaa 105 mana hidhaatti baasuun biyyaattin galan

OBN Hagayya 11, 2011 – Ministirri Mummee Dr Abiyyi Ahimad Kaartum galan.

Ministirri Mummee Dr Abiyyi Ahimad qondaaltoota isaanii olaanoo waliin ta’uun, magaalaa guddittii Sudaan Kaartum galuun qondaltoonni Sudaan Kibbaa waliigaltee akka mallateessan ta’e jira.

Waliigaltichi manni marii mootummaa cee’umsaa waggootii 3f qaamolee lamaanirraa walitti babba’uun biyyattii dabareen miseensota 6 kutaalee hawaasaarra fi 5 hoggansa raayyaa irraa akka ta’ee hundaa’u eeyyama.

Ministirri Mummee Abiyyi kan gara sana imalaniif, sirna waliigaltee motummaa ce’umsaa Sudaan harra taasifamu irratti argamuuf akka ta’e barameera.

Wayita buufata xiyyaaraa gahanittis simannaa ho’aan qondaaltoota biyyattiin taasifameefiira.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad lammiilee Itiyoophiyaa Sudaan Kaartuumitti mana hidhaa turan hiksisuun gara biyyatti fudhatanii galaniiru.

Maddi: Imbaasii Itiyoophiyaa Kaartumiitti argamu.

Image may contain: 23 people, people smiling, sky, child and outdoorImage may contain: 14 people, people smiling, outdoorImage may contain: 9 people, people smiling, people standing and outdoor

 

Facebook Comments