Itoophiyaa sababa weerara hoomaa awwaanisaatin omisha kuntaala miiliyoona 3.5 dhabu ishee Miinisteerri Qonnaa beeksise

OBN Ebla 20, 2012-Itoophiyaa sababa weerara hoomaa awwaanisaatin omisha kuntaala miiliyoona 3.5 dhabu ishee Miinisteerri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministiraa Misooma Midhaanii obbo Sannii Raddii ibsa har’a kennanin, hoomaan awwaannisaa walakkaa ji’a hagayyaa irraa jalqabee muudaten midhaan lafa heektara kuma 1 fi 198 irratti argamu irratti miidhaa geessiseera jedhan.

Naannoolee 9 fi buulchinsaa magaala tokkootti boqqoolloo,miishingaa fi qamaadiin gandoota 170 kesseatti argamuu hoomaa awwaanisaa kanaan miidhaan irraa qaqqaabera jedhaniru.

Hoomaa awwaaniisa kana lafa heektaara kuma 260 ta’u irratti keemikaala biifuun too’achuun akka danda’amees himaniru.

Rakkoo weerara vaayirasii koroonaa ilaalchisee mudatuu furuufi hojiimaata teeknolojjiin deggaramee ciimsuuf konkolattoota dabalata gara hojiitti akka galchanis himaniru.

Baankii Adduunyaa irraa gargaarsa Doolara Mmiiliyoona 63 argaachuuf hojjaatama jiras jedhan Obbo Saanniin.

Qonnaan bulaanis yoo hoomaan awwaanisaa mudate eruufi lafa isaa awwaanisaa irraa akka eguu dhaamaniru.

Yeroo ammaa kanatti hoomaa awwaannisaa naannoo Kibba biyyatti,Oromiyaa,Sumaalee fi Affaar kessaatti mudate kana balleessuuf hojjatamaa akka jirus TOI gabaaseera.

Facebook Comments