Vaayrasiin koronaa kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jira-DR. Guutuu Teessoo

OBN Bit 26,2012-Vaayrasiin koronaa kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jira jedhame.

Weerarri varoonaa altokkotti addunyaa mara waliin ga’uun akka biyyaattis ta’e addunyaatti kufaatii diinagdee guddaa qaqqabsiisaa jira.

Hojiin dinagdee keessumattuu sektaroonni tajaajila hoteelaa,tuurizimii, agarsiisa faashinii, dorgommiiwwan kubbaa miilaa, atileetiksii ispoortiifi qophiilee gurguddoon madda dinagdee addunyaa ta’an hedduun dhaabbatan, akkasumas hojiileen industiriifi manifaakcheriingii hedduun akka danqaman taasisuudhaan kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaaa jiraachuu dubbatu Pirezdaantiin Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa Dr. Guutuu Teessoo.

Dr. Guutuun ibsa Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, biyyootni industiriidhaan beekaman kanneen Chaayinaa, Awurooppaa, Ameerikaa sababa weerara vaayrasichaatiin industiriiwwan isaanii madda galii hojjettootaafi sharafa alaa ta’e cufanii manatti galanii jiru.

Biyyootni akka Biraaziil, Eeshiyaafi Afrikaas omisha qonnaa isaanii gabaa biyya keessaafi alaatiif akka hin dhiyeessine danquudhaan maddi galii isaanii akka raafamu taasisaa jira.

Weerarichi altokkotti biyyoota addunyaa gidiraafi qorumsa guddaa keessa galchee jira.

Biyyootni Afrikaa Sahaaraan gadii sababa weerarichaatiin omisha qonnaa isaanii gabaaf dhiyeessuu waan hindandeenyeef tilmaamaan doolaara Amerikaa miliyoona 220 dhabuu danda’u kan jedhan ogeessi dinagdee kun, weerarichi invastimantiin addunyaa keessumaa kan Ameerkaa harka 34n akka gad bu’u taasiseera.

Kana malees baankonni biyyoota addnyaa 50n dhala baankii akka gad buusan taasisuun bu’aan baankota addunyaa baay’ee akka gad bu’u gama biraan ammoo rakkoon hojii dhabdummaafi qaala’inni jireenyaa gar malee akka dabalu taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ameerkaatti sababa weerarichaatiin namootni miliyoona 3.3 ol hojii dhabeeyyii ta’uu isaanii kan himan Dr. Guutuun, warshaaleen Itoophiyaa hedduun omishaaleesaanii gara biyya alaatti ergaa waan hinjirreef hojjettoota isaanii hir’isaa jiru.

Kun ammoo madda galii dhuunfaa, dhaabbataafi mootummaas daran miidhaa jira.

Kana malees weerarichi gatiin omishaalee qonnaa Itoophiyaa kanneen akka bunaafi saliixii gabaa addunyaa irratti baay’ee akka gad bu’u taasisuun akka biyyaattis ta’e addnyaatti gama tajaajilaa, industiriifi qonnaatiin kufaatii dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Itoophiyaatti sababa weerarichaatiin tajaajiloonni hoteelaa, tuurizimii, daandii xiyyaaraa hanga hojii dhaabanitti ga’aniiru kan jedhan Dr. Guutuun, biyyattiin tarkaanfii jalqaba balallii xiyyaaraa gara biyyoota 30tti taasiftu dhaabuuf fudhateen doolaara Ameerkaa miliyoona 190 kan dhabde yoo ta’u, yeroo ammaa balallii xiyyaaraa gara biyyoota 80 olitti taasistu dhaabdee jirti.

Saayintistoonni Jaappaan, Awurooppaa, Awustiraaliyaa fi Ameerkaa qoricha Vaayrasii Koroonaa argachuuf qorannoo taasisaa jiranis dhimma addunyaa baraaruu waan ta’eef waliin hojjechaa deemuutu isaan irraa eegamas jedhame.

Facebook Comments