Invastimantiin kallattiin biyya alaa gara Ityoophiyaa dhufu dabalaa akka jiruu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

OBN Wax.i 18,2012- Invastimantiin kallattiin biyya alaa gara Ityoophiyaa dhufu dabalaa akka jiruu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.
 
Bara 2005 irraa eegalee Invastimantiin kallattii biyyaa alaa gara Itoophiyaa dhufaa jiruu waggaa waggaadhaan giddugaleessaan harka 50n guddachaa akka jiruu himeera.
 
Bara 2010 qofatti Doolaraa Biiliyoona 4.1 Itiyoophiyaan invastiimantii biyya alaa harkisuu dandeesseetti jedhameera.
 
Itoophiyaan Invastimantii biyyaa alaa harkisuun Baha Afrikaarraa tokkoffaa, Afrikaa irraa ammo sadarkaa 5ffaa qabatee akka jirtu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Tarkaanfii bara darbee damee daldalaa fi invastimantii Itoophiyaa guddisuuf fooyyessi diinagdee hojjetamee ibsa Waajjirri Ministira Muummee.
 
Ta’uus Bara kana sababii weerara vaayrasii koroonaatin guddinni hamaa eegamuu gaadi ta’uutu himame.
 
Invastimantiin kallattii alaarra bara 2012-2013 harka 30 hanga 40 akka hir’atutu dhaabbileen Idil-addunyaa beeksisa jiru.
Kun immoo invastimantii kallattii alaa dabalate damee daldalaa irraatti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu mala jedhameera.
Facebook Comments