Ji’oottan arfan darbanitti warqeerra galii fooyya’aan argame – Injiinar Taakkalaa Uumaa

OBN Sadaasa 10, 2013- Ministirri Ministeera Albuudaafi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa ji’oottan arfan darbanitti warqeerra galii fooyya’aan argamuu ibsan.

Ji’oottan  arfan darbaan warqee gara biyyaa alaatti ergameerra galii fooyya’aan argamu Injinar Taakkalaan Uumaa ergaa karaa fuula Feesbuukii isaanii maxxansaniin himaniiru. Oomishoota galii olaanaa argamsiisan keessaa isaa jalqaaba ta’uus himaniiru.

Dabalataniis dhaabbilee jajjaboo dabalatee dhaabbileen garaagaraa gara oomishaa albuudaatti galaa jiraachuus ibsaniiru.

Facebook Comments