Jilli Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahmadiin durfamu ummata Gujii fi Geede’oo gara qe’ee isaaniitti deebi’an daawwate

Walitti bu'iinsi ummamee as hojii nageenya waaraa buusuu mootummaa federaalaafii naannolee lamaaniitiin hojjatameen buqqaatonni gam lachuu yeroo ammaa kana gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru.

OBN Caamsaa 22, 2011 – Jilli Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahmadiin durfamu ummata Gujii fi Geede’oo gara qe’ee isaaniitti deebi’an daawwate.

 

Walitti bu’iinsi ummamee as hojii nageenya waaraa buusuu mootummaa federaalaafii naannolee lamaaniitiin hojjatameen buqqaatonni gam lachuu yeroo ammaa kana gara qe’ee isaaniitti deebi’aniiru.

Buqqaatonni kunniin deeggarsa gama dhaabbilee miti mootummaa fi mootummaatiin taasifamuun cinaatti jireenya idilee isaanii duraaniitti deebi’uudhaaf tattaaffii irratti argamu.

Lammiilee gara qe’ee isaaniitti deebi’an kanneenis Ministirri Muumme Dr Abiyyi Ahmad, Ministira Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil, Pireezidaantii Itti Aanaa MNO Obbo Shimallis Abdiisaa fi Pireezidaantiin MNK Obbo Miliyoon Maatiyoos Aanaa Qarcaatti argamuun daawwachaa jiru.

Haaluma walfalkaatuun Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaatti biqiltuu dhaabuun hawaasni hundi dhaabbii biqiltuurratti hirmaachuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Dr Abiyyi duula biqiltuu dhaabuu bara kanaa Dilbata darbe magaalaa Adaamaatti eegalchiisaniin bara kana akka biyyaatti biqiltuun mukkeen garaa garaa biiliyoona 4 ol dhaabamuu akka qabu ifomsuusaanii ni yaadatama.

Facebook Comments