Jeneraal Abrahaa Waldamaariyaam (Kuwaartar) boqatan.

Ajajaan olaanaa ajaja Kibba Bahaa fi hogganaan olaanaa qajeelcha duulaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Abrahaa Waldamaariyaam (Kuwaartar) boqatan.

Jeneraalichaaf Taaylaanditti deeggarsi yaalaa taasifamaafii turus, dhibeen isaanii itti hammaachuun boqataniiru.

Jeneraal Abrahaan taayitaa jeneraalummaa guutuu kan argatan bara darbe ture.

Ministira Muummee duraanii obbo Haaylamaariyaam Dassaalany harkaa jeneraalota muudama fudhatan keessaa Jeneraal Abrahaan tokko turan.

Jeneraal Abrahaan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahmad taayitaatti ega dhufaniin booda sooramarra turan.
FBCtu gabaase

Facebook Comments