Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad hordoftoota amantaa kiristaanaa galateeffatan

OBN Caamsaa 27, 2011 – Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad hordoftoota amantaa kiristaanaa iddoo hordoftootni amantaa Islaamaa ayyaana Iid- alfaxiir itti kabajan qulqulleessan galateeffatan.
 
Dr Abiyyi Heeddumminni keenya miidhagina tokkummaa keenyaati jechuun, kaayyoo tokkummaa keenyaaf wal bira yoo dhaabbannu wal diigumsa waliinii keenya ni haqama jedhaniiru.
 
Muuxxannoon akkanaa kun  guyyaa guyyaan dagaagfamuu akka qabus dhaamaniiru.
Facebook Comments