Obbo Gadduu Aandaargaachoon Jarman Fraankifart jiru

OBN Wax. 15, 2011 – Jilli Itoophiyaa Ministira Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachoon durfamu daawwii hojiitif Jarman Fraankifart galeera.

Jarmanitti Ambaasaaddarri guutuu Imbaasii Itoophiyaa Muluu Salamoonii fi Fraankifartitti qoonsilaa janaraalli Itoophiyaa obbo Fiqaaduu Bayyanaan simannaa taasisaniifiru.

Obbo Gadduun gitasaanii Jarmanii fi qondaaltota mootummaa biroo waliin dhimmoota waqtaawaa, diinagdee, invastimantii, cee’umsa teeknooloojii fi dameewwan biroorratti ni mari’atuun eegama jedha odeeffannoon Waajjira Ministeera Dhimma Alaarra arganne.

Facebook Comments