Pireezidaantiin FDRI Saahilaworqi Zawudeen barattoota qaro dhabeeyyii ebbifaman mariisisan.

OBN Ado. 12, 2011 -Pireezidaanti Saahilaworqi Sagantaa Iskoolaarshiippii Tsahaay Zawudeen barattoota qaro dhabeeyyii deeggarsi godhamaafii turee fi barana Yuunvarsiitii Finfinneetii ebbifaman waliini mari’atan.

Image may contain: 12 people, people smiling, people standing and indoor

Barattoonni kunneen muummeewwan barnoota hundarraa kan walitti babba’an yoo ta’an, baatiitti deeggarsi Birrii 900 godhamaafii turuu fi leenjiin koompiitaraa laatamuufii ibsaniiru.

Pireezidaant Saahilaworqi barattootan baga gammaddan jedhanii, ebbifamtoonni abjuu isaanii milkeessuuf kallattii gaariirra jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan Iskoolaarshiippii Tsahaay Zawudee waggaa 24’n har’aa xiyyaara Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa iddoola Koomoroos irratti caccabeen lubbuu ishee kan dhabde maqaa obboleettii pireezidaant Saahilaworqi Zawudee kan hundaa’e ta’uu waajjira Pireezidaantiirra odeeffanne.

Facebook Comments