Balaa abiddaan qabeenyi Birrii miiliyoona 5 olii barbadaa’e

Balaa abiddaa Hoteela Boolee Oreenj Riivarirratti mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 5 olii barbadaa'e.

OBN Wax 28, 2011 -Balichi har’a gara barii naannoo sa’aa 11:30 hoteela abbaa uurjii 3 Ooreenj Riivar irratti kan qaqqabe.

Image may contain: one or more people and outdoor

Hoteelichi kutaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Booleetti kan argamu ta’uu ogeessi koominikeeshinii Koomiishinii Hoggansa Sodaa Balaa Abiddaa Finfinnee obbo Silashii Tasfaayen himaniiru.

Hojjettoonni koomiishinichaa balicha to’achuuf hojii hojjetaniin qabeenya Birrii miiliyoona 35 baraarun danda’ameera.

Balaa lolaa tasaa kaleessa kutaa bulchiinsa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti qaqqabeen namni umriin isaa 33 tokko lubbuu isaa dhabeera jechuun FBC tu gabaasee.

Facebook Comments