Ertiraafi Sudaan daangaa cufamee ture banuuf waliigalan

OBN Wax. 26, 2011 – Ertiraafi Sudaan daangaa biyyoota lamaan gidduu cufamee ture banuuf waliigalan. Kunis marii guyyaa kaleessaa magaalaa Asmaraatti taasifameen booda.

Mariin kuni Pireezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi Hogganaa Itti – aanaa Mana Maree ce’umsaa kan Sudaan Letinaal Janaraal Mohaammad Hamdan Dagaloo waliin taasifameeni.

Sudaan bara 2018’tti seera malee ce’uufi daddabarsa namootaa himachuun daangaa Ertiraa waliin walitti ishee fidu kan cufte.

“Uummanni Sudaan jaarsummaa Itoophiyaa ni dinqisiifata” gaafa Kibxataa Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana G/Masqal tiwitara isaanii irratti akka barreessanitti biyyoonni lamaan akkatti waligalteen kuni raawwatu irratti koree waloo ijaaraniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii bara pireezidantiin duraanii Omar Haasan al – Bashir aangoorra turan gaarii hin turre.

Booda kana garuu hariiroon Ertiraafi Mana Maree Waraanaa ce’umsa kan Sudaan gidduu jiru cimeera. Ertiraanis mana maree kana akka deeggartu ibsiteetti.

Gama kaaniin, guyyaa kaleessaa MM Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faaqii Mahamaat dhimma Sudaan irratti marii taasisaniiru.

Ibsi waloo waajjirri Ministira Muummee baase akka mul’isutti hojiin jajjabeessaan hojjetamullee , ammas qaamoleen Sudaan keessaa daran walitti dhufun garaagarummaa isaanii akkka dhiphisan gaafataniiru jechuun BBCn gabaaseera.

 
Facebook Comments