Iboolaa Ittisuuf too’annaan taasifame

Ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaa Vaayiresiin Iboolaa gara biyyaa akka hin galleef too'anna cimaa gochaa jiraachu beeksise.

OBN 17, 2011 – Vaayiresiin Iboolaa Rippaabilikaa Dimookiraatik Koongotti ka’e gara Itiyoophiyaa akka hin galleef too’annaan cimaa taasifamaa jira.

Image may contain: 1 person, smiling, sitting and eyeglasses

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Vaayiresiin Iboolaa Rippaabilikaa Dimookiraatik Koongotti ka’e sodaa addunyaa ta’uu ibsuun yaadannoo yeroo dhiyooti.

Mallattoon Vaayiresii Iboolaa yeroo jalqabaaf Afrikaa Lixaatti ALA bara 2014 kan mul’ate yoo ta’u, hanga bara 2016 namoota kuma 11 galafachuutu himama.

Itiyoophiyaan kanaan dura ogeessota fayyaa 200 erguun biyyoota Vaayiresii kanaan miidhaman deeggaraa turte.

Ministirri Ministeraa Fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Amiir Amaan muuxxannoo yeroo sana argatan oggessota biyya keessaf akka qoodan taasifamuu himan.

Weerara Iboolaa yeroo ammaa ka’een Itiyoophiyaan of eeggannoo olaanaa taasisuu himaniiru.

Buufata xiyyaaraa Idi Addunyaatti fi seensaa fi bahiinsa biyyaa hundarratti qophiin duraa taasifamuu himanii, sakkata’insaa tasisuun eegalameera jedhan.

Facebook Comments