Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa waliigaltee deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.5 walii mallatteessan

OBN Ado.9, 2011 – Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa waliigaltee deeggarsaa Birrii biiliyoona 1.5 walii mallatteessan.

Waliigalteen deeggarsaa walii mallateeffame kun lammiilee Itiyoophiyaa kuma 400f carraa hojii uumuuf kan ooluudha.

Deeggarsi Gamtichi taasise kunis Paarkota Agiroo Indaastiriif, Invastimantootaafi jijjiiramoota gama mootummaan eegalame kan galmaan gahuuf oolu ta’uu ibsameera.

Waliigaltee deeggarsichaa kan walii mallatteessan Ministeera Daldalaa, Ministeera Qonnaafi Gamtaa Awurooppaa ta’uu himameera.

Facebook Comments