Dr Abiyyi Ahmad Raamus Piirehaan waliin mari’atan

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad Ministeera Walta'iinsaa Misoomaa Diinagdee Deenmaarki waliin mari'atan.

OBN Hag. 01 2011 – Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad Ministeera Walta’iinsaa Misoomaa Diinagdee Deenmaarki Raamus Piirehaan waliin mari’atan.

Image may contain: 1 person, sitting, table and indoor

Mariin isaanii dhimmoota carraa hojii uumuu, Invastimeentii, Ijaarsa sirna dimookiraasii, Kunuunsaa naannoo fi jijjirama qilleensaarratti kan xiyyeeffateedha.

Ministeerri Walta’iinsaa Misoomaa Diinagdee Deenmaarki Raamus Piirehaan biyyii isaanii jijjiraama Itiyoophiyaatti dhufaa jiru kan deeggaran ta’uu himaniiru

Deenmaarkii baqattoota fi nageenyaarratti xiyyeeffannoo addaan Itiyoophiyaa waliin akka hojjettu himan.

Ministeerri Walta’iinsaa Misoomaa Diinagdee Deenmaarki bara 2004 irraa eegalee nageenya, hiyyummaa xiqqeessuu, jijjirama qilleensaa fi misooma qonnaarratti Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jira.

Facebook Comments