Duulli qulqullina naannoo bulchiinsa magaalaa Walisootti gaggeeffame

OBN Hagayya 12, 2011 – Duulli qulqullinaa idilaa’uun naannoo qulqullaa’e qabaachuu qofa osoo hin ta’in yaada qajeelaa qabaachuun jalaala hawaasaa cimsa jedhameera.

Jiraattonni fi hooggansi duula qulqullina fi tajaajila lamummaa bulchiinsa magaalaa Walisoorratti hirmaataniiru.

Ergaa Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad akka biyyaatti dabarsan bu’uura taasifachuun duulli qulqullinaa yeroo 4ffaaf bulchiinsa magaalaaa Walisootti gaggeeffameera.

Magaalichatti duula qulqullinaa qofa osoo hin ta’in tajaajilli lamummaa biqiltuu dhaabuus hawaasa magaalittii, Hooggansa ol’aanoo sadarkaa biyyaaf bulchiinsa magaalittiif hojjattoota mootummaa hirmaachise gaggeeffameera.

Hirmaattonni kunneenis duulli qulqullina bu’aa nama dhuunfaa fi biyyaa waan ta’eef gammachuun gahee isaanii bahachaa akka jiran dubbatu. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Walisoo aadde Kaabbaa Mabraatuu hojiin duula qulqullinaa kun naannoo qulqulluu qabaachuu qofa osoo hin ta’in ilaalacha tarkaanfataa addunyaaf haaraa, gaanfa Afrikaaf abdii ta’e ida’amuuf jaalalaa kan itti mirkanaa’uudha jedhan, hirmaannaa hawaasa magaalaa isaaniis dinqisiifachuun.

Ministir deettaan ministeera Aadaa fi tuurizimii Itiyoophiyaa obbo Habtaamuu Sisaayis qajeeltowwan kenna tajaajila lamummaa jiran keessaa hojiin qulqullinaa isa tokko jedhan.

Hojiin qulqullinaa kun qe’ee qulqulluu lammii alaa fi keessaa hawwatu uumuu malees miira jaalalaa fi tokkummaa kan itti mirkanaa’u waan ta’eef aadaa jaalalaaf tokkummaa keenya kaleetti haa deebinu jechuun dhaaman. Irgixaa Gonfaatu gabaase.

Image may contain: 1 person, walking, standing, shoes and outdoor
Image may contain: 1 person, walking, standing, tree, sky and outdoor
Image may contain: 2 people, people standing, tree, outdoor and nature
Facebook Comments