Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad mootii Saawdii Arabiyaa Mohaammad Biin Saalmaan Biin Abdulaaziiz waliin bilbilaan mari’atan

OBN Hagayya 13, 2011 – Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad mootii Saawdii Arabiyaa Mohaammad Biin Saalmaan Biin Abdulaaziiz waliin bilbilaan mari’atan.

Mootichi muummee ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad humnootiin Sudaan mari’atanii garaagartee isaanii furuun, biyyattiitti nagaan akka bu’u qooda olaanaa taphataniif dinqisiifataniiru.

Naannoon baha Afrikaa akka tasgabbaa’u Saawdii Arabiyaan Itiyoophiyaa waliin kan hojjettu ta’uus mootichi ibsaniiru.

Humnootiin Sudaan Sanbata darbe waliigaltee dhumaa aangoo qooddachuu isaan dandeessisu magaalaa Kaartuumitti mallatteessun isaanii ni yaadatama.

Waltajjicharratti ministirri muummee Dooktar Abiyyi biyyattiin akka tasgabbooftu gumaacha taasisaniif dinqisiifannaa argataniit turan.

Dooktar Abiyyi waltajjicharratti ergaa dabarsaniin ummanni Sudaan tasgabbiin demokiraasii ijaaruurratti akka xiyyeeffatu dhaamaniit turan.

Facebook Comments