MM doktar Abiyyi Ahimad gara Jaappaan imalan

OBN Hagayya 21, 2011 – MM doktar Abiyyi Ahimad daawwannaa isaanii Kooriyaa Kibbaatti gaggeessaa turan xumuranii gara Jaappaan imalan.

Muummeen ministiraa doktar Abiyyi Ahimad gara Jaappaanitti kan imalan walgahii Tiikaad kan hoggantoonni biyyoota 42 irratti hirmaatan irratti argamuufi.

Yukohaamaa Jaappaanitti guyyoota 3f taa’ama walgahiin Tiikaad.

Walgahiin Tikaad kun sadarkaa ministeerotaan kan mari’atamu yoo ta’u, yaa’ii ministeerotaa Afrikaa irratti jilli Itiyoophiyaa ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa obbo Gadduu Aandaargaachoo durfamu irratti hirmaachaa jiru.

Walgahiin Tiikaad kun misooma Afrikaa irratti xiyyeeffatee akka mari’atus ibsameera.

Facebook Comments