Namoota miiliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfameera

Bara baajataa 2012tti baadiyyaa Ityoophiyaatti namoota miiliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfameera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad jalqaba baatii kanaatti dursaa koree Invastimantii Biyyoolessaa fi Carraa Hojii ifoomsun isaanii ni yaadatama.

Korichi waggaa waggaadhan dargaggoota miiliyoona 2.3f dameewwan addaddaatin carraa hojii uumuuf kan hojjetu ta’a.

Haaluma kanaan Ministeerri Qonnaa akka ifoomsetti, bara baajataa 2012tti naannoo baadiyyaa biyyattiitti namoota miiliyoona 1.5f carraa hojii uumuuf karoorfameera.

Ministir deettaan Ministeera Qonnaa Dooktar Kabaa Urgeessaan akka jedhanitti, dameewwan qonnaa, albuuda, tuuriizimii fi infoormeeshin teeknooloojidhaan carraawwan hojii kan uumaman ta’a.

Carraa hojii baadiyyaa waggoottan sadan darbaniitin namoota miiliyoona 3.8 ta’aniif carraan hojii uumameera.

 

Facebook Comments