Walga’iin waggaa hooggnatoota hojii fi gaggeesitoota Miisiyoona Minisiteera Dhimma Alaa FDRI adeemsifamuuf

OBN Hagayya 24, 2011 – Walga’iin waggaa hooggnatoota hojii fi gaggeesitoota Miisiyoona Minisiteera Dhimma Alaa FDRI adeemsifamuuf jedha.

Walga’iin waggaa hooggnatoota hojii fi gaggeesitoota Miisiyoona Minisiteera Dhimma Alaa FDRI Wiixata hagayya 27-Qaammee 2, 2011 Finfinnee Hooteela Hiltanitti gaggeeffama.

Walga’iin torbaan tokkof turu kanaan bajata bara 2011 waajira olaanaa fi miisiyoonotaa kan walqabate karoora raawwii hojiiwwaan hariiroo alaa fi diiploomaasii ilaalchisuun gamaagamni ni adeemsifama.

Bara bajatichaatti hojiiwwaan gurguddoo dhaabbatichan hojjetamanii fi bu’aa argame irratti ciminaan marii taasisuun hojiiwwaan bara dhufuuf kallattiin ni kaa’ama jedhameetti eegama.

Xumura walga’icha irratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad hooggantoota waajirichaa fi Ambaasaadarootaaf qajeelfama hojii akka kennan ni egama.
Walga’ii kana irratti Ministeera Dhimma Alaa dabalatee Ministirri Deettaan, Jeneraalota, Daayreekteroota, hoogantoota waajirichaa akkasumaas Itiyoophiyaatti biyyoota addaaddaatti bakka bu’umaan hojiirratti kan argamaan Ambaasaaroota FDRI fi Jeneraalota qoonsilaa ni hirmaatu.Fbctu gabaase

Facebook Comments