Bara Haaraatti Nagayaa Fi Damee Diinagdeef Xiyyeeffannaan Kennamee Kan Hojjetamu Ta’a Jedhan – Obbo Tamasgeen

Bara haaraatti nagayaa fi damee diinagdeef xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamu ta’a jedhan preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa

Bara Haaraatti Nagayaa Fi Damee Diinagdeef Xiyyeeffannaan Kennamee Kan Hojjetamu Ta’a Jedhan – Obbo Tamasgeen

Bara haaraatti nagayaa fi damee diinagdeef xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamu ta’a jedhan preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah.

Bara 2012tti nageenya, tuuriizimii, invastimantii, carraa hojii uumuu fi qonnaaf xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamu ta’a jedhaniiru.

Obbo Tamasgeen ummataa fi dhalattoota Ityoophiyaa maraan baga bara haaraa geessan jedhaniiru.

Naannoo Amaaraatti rakkoon nageenyaa mudatee fi wareegamni kaffalame naannicha miidhuu kaasanii, baatii lamaa as garuu nageenyi bu’aa jiraachuu kaasaniiru.

Bara haaraa kanatti misooma biyyaa fi naannoo guddisuuf tumsaan kan hojjetamu ta’uu obbo Tamasgeen Xiruunah himaniiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun, carraa hojii uumuu, invastimantii, tuuriizimii, hawaasummaa, siyaasaa fi misooma waliigalaa irratti xiyyeeffatamuun ni hojjetama jedhaniiru.

Naannichatti baadiyyaa fi magaalaatti carraan hojii lammiilee miiliyoona 1 oliif kan uumamu ta’uu ibsan.

Itti aanaan preezdaantichaa barri haaraan bara nagayaa, badhaadhinaa fi waliin jireenya jaalalaa akka ta’u hawwaniiru jedhe kan gabaase Tajaajila Oduu Itophiyaati.

 

Facebook Comments