Giifti dureen aadde Zinaash Taayyachaw daa’imaani waliin bara haaraa kabajaa jiru

OBN Qaammee 06,2011- Giifti dureen aadde Zinaash Taayyachaw guddattoota Wiirtuun Guddistuu Daa’imaani addaddaarra dhufan waliin bara haaraa kabajaa jiru.

Aadde Zinaash Wiirtuun Guddistuu Daa’imaanii Finfinneetti argamuurraa dhufan guddattoota 650 waliin bara haaraa kabajaa jiru.

Bara haaraa 2012 boru eegallu sababeeffachuun sagantaa Waajira Ministeera Muummeen kan qophaa’e irratti daa’imaniif affeerra ciree fi Laaqanaa taasisaniiru.

Giifti dureen aadde Zinaash Taayyachaw daa’imaan kanaaf uffataa fi kennaawwaan adda adda ni ni kennu jedhameera.

Facebook Comments