Itoophiyaatti, Israa’eel Piroojaktii misooma jallisii ammayyaa’aa ifoomsufi

OBN Fulbaanaa 02,2012- Itoophiyaatti, Israa’eel piroojaktii misooma jallisii ammayyaa’aa ifoomsufi.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’eel Raafaa’eel Mooraav piroojaktii misooma jallisii ammayyaa’aa kana ifoomsuuf mootummaa Itoophiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ambaasaaddarichi akka himanitti, proojaktichi Itoophiyaatti oomishtummaa damee qonnaa dabaluuf ni fayyada.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad, dhiyeenya kana yeroo Israa’eel daawwatanitti, biyyattii waliin karoora hariiroo waloo irratti waliigaluun isaanii ni yaadatama jedha FBCn.

Israa’eel waggoottan 30n darban oomishtummaa qonnaatin muuxannoo ammayyaa’aa qabdi.

Lafa qonnaa xiqqaarratti oomishtummaa avokaadoo dabaluuf piroojaktichi ni gargaara jedhaniiru.

Facebook Comments