Jilli Itoophiyaa Dr. Maarqoosin duurfamu Paakistaan daawwate

OBN Fulbaanaa 02,2012- Jilli Itoophiyaa Deetaa Ministira Dhimma Alaa Dr. Maarqoos Takleetin duurfamu Paakistaan daawwateera.

Jilli kun Deetaa Ministira Daldalaa fi Indaastirii Misgaanuu Araggaa dabalatee hoggansi Ministeera Qonnaa, Mana Maree Waldaalee Daldalaa, hawaasa daldalaa hammateera.

Dawwannaa kanaan Ministira Dhimma Alaa Paakistaan Soohaaylii Maahimmuudii fi hoggansa olaanoo biyyattii biroo waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dhimmoota idil addunyaa biroo irratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan daldalaa fi invastimantiirratti caalmaan akka waliin hojjetan mari’ataniiru.

Itoophiyaa fi Paakistaan hariiroo diippiloomaasii kan eegalan baroota 1950n keessa tahuu himameera.

Facebook Comments