Jilli Ityoophiyaa Seergee Laavroov Waliin Mari’ate

Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawiin duurfamu Seergee Laavroov waliin mari’ate.

Jilli Ityoophiyaa Seergee Laavroov Waliin Mari’ate

Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawiin duurfamu Seergee Laavroov waliin mari’ate.

Obbo Gadduun hariiroon Ityoophiyaa fi Raashiyaa kan waggoota 120 olii ta’uu ibsanii, hidhata barootaa kana gama teeknooloojii, aviyeeshin indaastirii fi aadaan cimsuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Dhaabbileen biyyattii Ityoophiyaatti invast akka godhan kan gaafatan obbo Gadduun, mootummaan hariiroo diippiloomaasii biyyattii waliin qabuun haala mijataa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyayaa FDRI Lammaa Magarsaan gama isaanitiin, dhaabbileen Raashiyaa Ityoophiyaatti barbaacha albuudaa fi misoomarratti akka bobba’an gaafataniiru.

Seergee Laavroov maricharratti Ityoophiyaan Afrikaarraa waggoota 120 oliif michuu Raashiyaa taatee turuu kaasaniiru.

Michummaan barootaa kun ammoo gama hundaan akka cimu ni hojjenna jedhaniiru.

Mariin har’aa ammoo hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun, nageenya naannoo Baha Afrikaa fi addunyaarratti ejjennoo waloo qabaannee akka sochuunu ni gargaara jedhaniiru.

Ministirichi Ityoophiyaanota maraan baga bara haaraan ittiin isin ga’es jedhaniiru.

Akka gabaasa FBCtti, biyyittiin daldala qofaan osoo hin taane, qindeessa meeshaaleen, akkasumas Akkaadaamiin Saayinsii Raashiyaa damee baayoloojiitin Ityoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Facebook Comments