Obbo Umad Ujuuluu baga bara haaraan geessan jedhan

OBN Qaammee 06,2011- Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Gaambeellaa obbo Uumad Ujuluu baga bara haaraan geessan jedhaniiru.

Bara haaraa 2012tti tokkummaa cimsuun fayyadamtummaa misoomaa naannichaa saffisissuf hawaasni tokkumaa akka hirmaatu Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Gaambeellaa obbo Uumad Ujuluu.

Bara haaraatti misooma, demokraasii, olaantummaa seeraa kabachiisuun Ityoophiyaa cimtuu ijaaruuf yaa tumsinuun waamicha dhiyeessaniiru.

Bara haaraatti jijjiirama akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuun gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf lammiin hundi ciminaa hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

 

Facebook Comments