Paatriyaarkiin Ortodooksii Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas baga bara haaraa geessan jedhan

Ajjeechaa, waljibbaa fi walbuqqisuun bara moofaa waliin akka darbus hawwaniiru.

OBN Qaammee 06,2011- Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas baga bara haaraa 2012n  geessan jedhaniru.

Ergaa baga geessanii dabarsaniin, barri haaraa kan jaalalaa fi waliin jireenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Ajjeechaa, waljibbaa fi walbuqqisuun bara moofaa waliin akka darbus hawwaniiru.

Bara 2012tti waljaalalaa fi tokkummaadhaan ijaarsa biyyaarratti akka xiyyeeffatamu dhaamaniiru.

Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas Ityoophiyaanota maraan baga bara Luqaasii irraa gara bara Yohaannisitti isin ceesise jedhaniiru.

Bara haaraatti nageenya, jaalala, tokkummaa, araara, walkabajaa fi waliin jireenya yaa cimsinuunis dhaamaniiru.

 

Facebook Comments