Pireezdaanti Saahilawarqi wiirtuu yaala onnee daawwatan

OBN Fulbaanaa 02,2012- Pireezdaanti Saahilawarqi Zawdeen Wiirtuu Yaala Onnee Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Ambassaa keessatti argamu daawwatan.

Daa’imman wiirticha keessatti wallaansarra jiran daawwatanii, bara haaraa sababeeffachuudhaan daa’immaniif kennaa kennaniru.

Wiirtuun Yaala Onnee Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Ambassaa erga hundaa’ee naannoo waggoota kudhanii lakkoofsiseera jedha FBCn.

Hanga ammaattis daa’imman kuma 4 oliif tajaajila wallaansa baqassanii yaaluu onnee, bilisaa kennera.

Facebook Comments