Daandiin Malkaa Irrechaa Magaalaa Sabbataatti hojjetame eebbifame.

Daandii aspaaltii Finfinnee gara Jimma geessuu irraa hanga Malkaa Sabbataatti geessuu meetira 500 dheeratuudha.

Karichi baajata mootummaa Birrii Miliyoona 7.5n hojjetamee jedhameera.

Karaan kuniis Irrechaa Malkaa Sabbataatti Onkololeessa 2 bara2012 irreeffatamuuf haala mijataa uumuufi jedhameera.

Daandicha Kantiibaa Magaalaa Sabbataa obbo Birhanuu Baqqalaa, Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr Darajjee Dhugumaa fi Abbooti Gadaatin eebbisfame. Girmaa Hundeetu gabaase.

Facebook Comments